Al Hilaal Waliigaltee Neemaar Juuniyer adda kute

Al Hilaal Waliigaltee Neemaar Juuniyer adda kute

Finfinnee, Amajjii 20, 2017 (FMC) – Kilabni Saa’ud Arabiyaa Al Hilaal Waliigaltee Kontiraataa taphataa Cimaa Biraaziil Neemaar Juuniyer waliin qabu adda kutuu beeksiseera.

Neemaar Juuniyer gatii olaanaan gara Liigii Piroo Saa’ud Arabiyaatti jijjiiramus, waggaa lama keessatti Al Hilaaliif taphoota 7 taphachuun galchii 1 qofa lakkoofsise jedhame.

Yuuroo miiliyoona 94 gara kilabichaa kan jijjiirame Neemaar miidhaa cimaa Jilba isaarra muudateen bara dorgommichaa dabalatee taphoota waancaa Kooppaa Ameerikaan ala ta’uun ibsameera.

Baasiin itti bahee fi tajaajilli kenne wal madaaluu dhabuu isaan kilabicha Waliigaltee Kontiraataa Neemaar Juuniyer adda kutuu beeksiseera.

Neemaar Al Hilaal waliin adda bahuu hordofee gara Kilaba ijoollummaa isaa Saantositti deebi’uu akka danda’u ragaaleen kan mul’isan ta’uu Al Araabiyaan gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment