“Akkaawuntiin Saatalaayitii Tuuriizimii” ifoome

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC)- Ragaa tuuriizimii qabachuuf kan gargaaru “Akkaawuntiin Saatalaayitii Tuuriizimii” ifoome.

Akkaawunticha qopheessuuf waggaa tokkoo fi baatii ja’a kan fudhate ta’uun ibsameera.

Kunis ragaalee waliigalaa damee tuuriizimii sirnaan qabuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Tuuriizimii Dooktar Silashii Girmaan miidiyaaleef ibsa kennaniin, Kutaa Istaatistiksii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Dhaabbilee Idil Addunyaa biroo waliin ta’uun kan qaphaa’eedha jedhan.

“Akkaawuntii Saatalaayitii Tuuriizimii” kun gumaacha dameewwan diinagdeef, qonnaa fi albuudaaaf akkasumaas dhaabbileef qabu kan itti madaalamu ta’uun ibsameera.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment