Akkaatuma karoora Humni waloo nageenyaa kaa’een yaa’iin gamtichaa nageenya isaa eegee gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Akkaatuma karoora Humni waloo nageenyaa kaa’een yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan nageenya isaa eegee gaggeeffamaa jiraachuu koreen Qindeessaa Humna Waloo Nageenyaa beeksise.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee nageenya yaa’ichaaf deeggarsa olaanaa taasiisaa jiran cimsanii akka itti fufan humni waloo kun waamicha dhiyeesseera.

Walga’iin Mana Maree Hojii Raawwachiiftoota 40ffaan guyyoota lamaan darban kan gaggeeffame yoo ta’u, Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan ammoo guyyaa boruu ni eegala.

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa hedduun yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee kan galan yoo ta’uu, kanneen hafan galuurratti argamu.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun yaa’ichi akkaatuma karooraan rakkoo tokko malee nagaan gaggeeffamaa jiraachuu Qindeessaan humna walichaa fi Komishinarri Komishiniin Poolisii Feederaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Milkaa’iina yaa’ichaaf qaamoleen nageenyaa kumni 40 ol magaalaa Finfinnee keessatti bobbafamuu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment