Finfinnee, Sadaasa 13, 2015 (FBC) – Dhimma jijjiiramaa haasa’uuf akkaataa qonnaan bulaan hojjetee jijjiiramu danda’u milkeessuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himan.
Obbo Shimallis akka Naannoo Oromiyaatti sagantaa duula ‘Maaddii Madaalawaa’ Magaalaa Hoolataatti eegalchiifamerratti haasawaa taasisaniin, jijjiirama biyyaaf bu’aan harka qonnaan bulaarraa argamu daran murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Sagantichi mata duree “ Maaddii madaalawaa hojiirra oolchuun nyaataa fi wabii nyaataa madaalawaa haa mirkaneessinuu” jedhuun kan eegalchiifame yoo tahu, hawaasni guutuu naannichaa maloota qonna ammayyaa’aa hordofuun hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Saganticharratti Muummee Ministiraa Duraanii Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyi qindeessaan Maaddii Guutuu Naannoo Oromiyaa, Kabajamoo Aadde Saa’adaa Abduraahamaan Afyaa’ii Caffee Oromiyaa dabalatee qodaaltotni hojii mootummaa Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.