Akkaadaamiin Loltummaa Itiyoophiyaa qondaaltota leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Akkaadaamiin Loltummaa Itiyoophiyaa marsaa 24ffaaf qondaaltota kaadhimamtootaa Giddugala Leenjii Huursoo Kontinjantiitti leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Ataasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa, qondaaltota jeneraalaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Sirna eebbichaarratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan haasawaa taasisaniin, qondaaltonni eebbifaman gahee isaanii sirnaan akka bahatan amantaa qaban ibsaniiru.

Seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Waggoota 117 keessatti tokkummaa itiyoophiyaaf wareegamni qondaltonni kaffalan olaanaa ta’uu eeraniiru.

Itti Gaafatamaan Akkaadaamii Loltummaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yimar Mokonnin gama isaaniin, raayyichi sadarkaa irraa gaheef gumaachi akkaadaamichaa olaanaa ta’uu fi fuulduraattis gumaachi taasisu cimee kan itti fufuudha jedhan.

Eebbifamtoonni, leenjiin beekumsaan, ogummaa fi ilaalchaan guutuu isaan taasisu fudhachuu ibsaniiru.

Eebbifamtoonnis, turtii leenjii isaaniin beekumsa argatan hojiirraa oolchuun dirqama lammummaa isaanii bahachuf qophii ta’uu qondaaltonni eebbifaman mirkaneessaniiru.

Eebbifamtoota raawwii olaanaa galmeessaniif badhaasni waancaa kennameera.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment