Akkaadaamichi Raashiyaa waliin dameewwan leenjii fi qo’annoon hojjechuuf fedhii qaba-Dooktar Mihiratuu Dabbabaa

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Akkaadaamiin Hoggansa Afriikaa Raashiyaa waliin dameewwan leenjii fi qo’annoon hojjechuun dandeettii raawwachiisummaa dhaabbatichaa guddisuuf fedhii qabaachuu Hogganaan Akkaadaamichaa Dooktar Mihiratuu Dabbabaa ibsan.

Dooktar Mihiratuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Evijeenii Tarekiin waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Dookta Mihiratuun akka jedhanitti, akkaadaamichi bifa haaraan Mana Maree Ministirootaan erga hundeeffamee hoggantoota dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaaf karaa guutuu ta’een leenjii kennaa jira.

Hojiilee kanneen sadarkaa caalutti guddisuuf riifoormiiwwan dhaabbatummaa hojjechaa jiraachuun ibsaniiru.

Riifoormiiwwan hojjetamaa jiran wayita xumuramanis, akkaadaamichi hojjechuuf kan karoorfate sagantaalee biyyaalessaa fi ardii qabaachuu ibsuun, kana milkeessuufis qaamolee dhimmichi ilaallatu garaagaraa waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hariiroo tarsiimawaa hundeessuun ergama akkaadaamichaa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, Raashiyaa waliin dameewwan leenjii fi qo’annoorratti hojjechuun, dandeetti raawwachiisummaa dhaabbatichaa guddisuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Ambaasaaddar Evijaanii gama isaniin, akkaadaamicha waliin hojjechuuf fedhii qaban ibsuu ragaan akkaadaamicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment