Akka Oromiyaatti sagantaan Deemsa miilaa fi Biskileetaa Asallaatti gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Sagantaan Deemsa miilaa fi Biskileetaa akka naannoo Oromiyaatti ganama har’aa haala hoo’aa ta’een dorgommiiwwan Ispoortii garaagaraa waliin magaalaa Asallaatti gaggeeffameera.

Qopheessummaa Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaatiin kan gaggeeffamu sagantaan kun,dorgommiiwwan Ispoortii garaagaraa fi deemsa miilaan kabajameera.

Ganama har’aa dorgommiiwwan Ispoortii walmorkii biskileettii,paaraa olompikii,buunyoo,wushuu,dorgommii maatii Ispoortii,gulufa fardaa fi dhiichisa foolleetiin gaggeeffameera.

Dorgommii biskileettii Kiiloo Meetira 5 waldaan biskileettii bulchiinsa magaalaa Asallaa kan injifateera.

Dorgommiin fiigicha paaraa olompikiii meetira 200 dubaraa fi dhiiraan mata-duree Qaammee hanga Qaammeetti ni geenna jedhuun kan gaggeeffameera.

Sagaantaan kun bara darbe Ministeera Geejjibaan kan labsame yoo ta’u saganticha balaa konkolaataa lubbuu namaa fi qabeenyarra ga’u hambisuuf ji’a ji’aan guutuu biyyattiitti ni gaggeeffama.

Sagantaan Deemsa miilaa fi guluffii Biskileetaa Sadaasa 14, 2012 yeroo jalqabaaf Naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti kan eegalame yoo ta’u , guyyaa har’aa marsaa 10ffaan magaalaa Asallaatti gaggeeffameera.

Jemaal Gendootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment