Akka Naannoo Oromiyaatti guyyaan sabaa fi sablammootaa Shaashamanneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Guyyaan sabaa fi sablamoota ummattoota Ityoophiyaa marsaa 17ffaan akka Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Shaashamanneetti marii paanaaliitiin kabajamuu eegaleera.

Guyyichi mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa nageenya waaraaf keenyaaf” jedhuun kabajamaa jira.

Itti Aanaa Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataa,Magaalaan Shaashamannee magaalaa sabaaf sablammoonni waldada’anii fi walkabajanii keessa jiraatan waan taateef kabaja guyyichaaf filatamte jedhan.

Guyyaan sabaafi sablamoota Ityoophiyaa marsaa 17ffaa akka Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Shaashamanneetti har’arraa eegalee hanga boriittii sagantaalee garaagaraan kabajamuu eegaleera.

Jibiriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment