Akka Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni miiliyoonni 11 ol hojii tola ooltummaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Jilli sadarkaa Preezdaantii itti Aanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu, hojii tola ooltummaa, dargaggoota magaalaa Shaashamanneen hojjetamaa jirurratti hirmateera.

Akka Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni miiliyoonni 11 ol, hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun hojiilee mana harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu, dhiiga arjoomuu fi deeggarsa garaagaraa taasisurratti hirmaachaa jiraachuu Obbo Abdulhaakiim ibsaniiru.

Hooggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa gamasaaniin, dargaggoota hojiilee tola ooltummaa addaa addaa keessatti hirmaachisuun, baasii Birrii biiliyoona 2tti tilmamamu hanbisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment