Ajjeechaan kan shakkame Mahaammad Shikur Abebawuun kan arge eeruu akka kennuu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Mudde 29, 2016 (FBC)- Ajjeechaa Sheek Abduu Yasiniin kan shakkame Mahaammad Shikur Abebawuun kan arge namni kamuu eeruu akka kennuu Poolisiin Magalaaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.

Finfinnee Naannawaa Askoo bakka addaa Addis Safaritti Abbaa Amantaa Sheek Abduu Yaasin wayita solaatarraa deebi’anitti, rasaasa dhukaafameen lubbuun isaanii darbuun kan yaadatamuudha.

Ajjeecha raawwatame hordofees Poolisiin Magaalaa Finfinnee yakkichaan kan shakkame to’annoo jala oolchuuf garee hordoffii fi qorannoo hundeessuun hordoffii cimsee itti fufuu beeksiseera.

Hordoffii taasifameenis Jiraataa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 14 kan ta’ee fi Sheek Yaasiin kan guddisan Mahaammad Shikur Ababaawu, yakka ajjeechaa Sheek Abduu Yaasiniin shakkamee akka barbaadamu Poolisiin ibseera.

Kanaaf shakkamaa Mahaammad Shikur Ababaawuun kan arge Poolisiif eeruu akka kennu waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment