Ajjeechaan Jeneraal Qaasiim Suleemaanii waraana dhaabsisuuf malee eegaluufii miti  – Donaald Traamp

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) –  Hogganaa humna waraanaa Iiraan Jeneraal Qaasiim Suleemaanii Ameerikaan ajjeesuun ishee waraana dhaabuuf malee eegaluufii miti jedhan preezedaantin Ameerikaa Donaald Traamp.

Ajjeechaa Iiraaq buufata xiyyaaraa Baagdaaditti raawwatameen barri bulchiinsa shororkeessummaa Suleemaanii xumurameera jedhan Traamp.

Jeneraaal Sulemaaniin humna Quuds sosochii waraanaa Iiraan jiddugaleessaa bahaa keessaatti taasistu hogganaa turan jedhan preezdaant Traamp.

Iiraan ajjeechaa Jeneraal Sulemaanii haaloo bahuuf dhaadataa jirti jedhameera.

Ajjeefamuu jeneraalichaatin boodaa Iiraanii fi Ameerikaa gidduutti muddamni hammaataa dhufeera.

Ajjeechaa kana booda loltoonni Ameerikaa 3000 gara giddugaleessa bahaatti ergamuu aanga’oonni biyyatti himaniiru.

Haleellaan kun konkolaataa milishaa Iiraaq baatee socho’aa ture irratti raawwatame.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment