Ajjeechaa Obbo Abaataa Abbabaan shakkamee barbaadamaa kan ture Obbo Tasfaayee Hordofaan to’atame

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Ajjeechaa Obbo Abaataa Abbabaan shakkamee barbaadamaa kan ture Obbo Tasfaayee Hordofaan to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Obbo Abaataa Abbabaan Mudde 7, 2016 Finfinnee naannawaa Ednaamool jedhamutti mana dhiichisa Halkaniitti rasaasaan ajjeefamuun kan yaadatamuudha.

Ajjeechichaan shakkamuun barbaadamaa kan ture Obbo Tasfaayee Hordofaan to’atamuu poolisiin beeksiseera.

Dhimmicha waliin walqabatee yeroo itti aanu Poolisiin bu’aa qorannoo hawaasaaf kan beeksisu ta’uu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment