Ajjeechaa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gullisoo, Ganda Gaawaa Gaanqaatti kan raawwate ABO Shanee ta’uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Ajjeechaa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gullisoo, Ganda Gaawaa Gaanqaatti kan raawwate ABO Shanee ta’uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Komishinarri Jeneraalaa komishinichaa Araarsaa Mardaasaa ibsa har’a gaazexeessitootaaf kennaniin baay’inni namoota du’anii 34 gahuu himaniiru.

Ajjeechaa qaqqabe kanaan sabaa fi sablammiileen garagaraa du’uu ibsanii saba Amaaraa qofatu ajjeefame kan jedhu olola warreen jeequmsa babal’isuuf akeekaniiti jedhan.

Hawaasnis kana beekee olola sobaarraa, fagaachuu akka qabu dhaamaniiru.

Akka ibsasaaniitti ajjeechicha kan raawwate ABO Shanee yoo ta’u, leenjii ajjeechaa, dhiyeessii meeshaa, deeggarsa maallaqaa taasisaa kan jirummoo ‘ABUT’ jedhan.

‘ABUT’ erga aangoorraa ari’amee nageenya Oromiyaa booressuuf ciisee bulee hinbeekus jedhanii, Tigraay keessatti leenjii shororkeessummaa kennaa jeequmsi akka babal’atu garagaraa jiraachuu dubbatu.

Akka agarsiistuutti kan kaasan keessa shakkamtoonni qabaman hedduun meeshaa, waraanaa deeggarsa ‘TPLF’n taasifamaafii jiraachuu ragaa bahu jedhaniiru.

‘ABUT’ jeequmsa kana Oromiyaa keessatti babal’isuuf miidiyaa Dimtsa Wayyaaneetti fayyadamee olola afarsaa jira jedhaniiru.
Kanamalees maallaqa yakki ittiin dalagamullee ‘ABUT’rraa argachaa jirus jedhaniiru.

Ajjeechaa suukanneessaa humnoota kanneeniin qaqqabaa jiruun alatti manni jireenyaa qonnaan bultootaa 50 ol gubachuus komishinarichi ibsaniiru.

Ammaan tana shakkamtoonni muraasni qabamuu kaasanii, warreen hafanis hordoffii jala jiru jedhaniiru.

Kun ta’us namoonni dhuunfaa miirri ittigaafatamummaa itti hin dhagahamne baay’inni namoota ajjeefamanii 200 ol jechuun hawaasa, burjaajessuuf yaalaa jiru jedhanii, yaadichi dogoggora ta’uu beeksisaniiru.

Akka Dhaabbanni Pireesi Ityoophiyaa gabaasetti, Namoonni nageenya lammiileetiif hin yaanne kunniin olola sobaa babal’isuun jeequmsa hammeessuuf kan yaadaanidha jedhan.

Hawaasnis sochii shakkamtoota kanneen qabuuf taasifamu cina dhaabatee akka deeggaru gaafataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment