Ajjeechaa barattuu Haaymaanoot Badhaadhaan shakkamuun qorannoo irratti gaggeefamaa kan ture Dagginat Warquu fi Mihratuu Miixxaa irratti himatni baname

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) –Ajjeechaa barattuu Haaymaanoot Badhaadhaan shakkamuun qorannoo irratti gaggeefamaa kan ture Dagginat Warquu fi Mihratuu Miixxaa irratti himatni baname.

Hospitaala Xiquur Ambassaa kutaa yaalii (laaboratoorii) keessatti Caamsaa 19, 2012 barattuu Haaymaanoot Badhaadhaa ajjeesun qorannoon yakkaa gaggeeffama kan ture Dagginat Warquu yakka kashalabummaan akkasumaas himatamaa 2ffaa Mihiratuu Miixxaa irratti ammoo yakka dhooksaa cimaan himatni irratti banameera.

Himatichi mana murtii olaanaa federaalaa Lidataa ramaddii 3ffaa dhaddacha yakka kashalabbummaa cimaan kan baname si’a ta’u, galmeen dhaddacha beellamaa yeroo dabaree ilaalameera.

Abbaan alangaa himatamtoota lamaanirratti akkataa hirmaannaa isaaniin himata kan bane.

Himatni abbaa alangaa akka muldhisutti himatamaa 1ffaan Dagginat Warquu seera yakkaa 671 keeyyata 2 jalatti akka kaa’utti yakka kashalabbummaa cimaa raawwachuu fi beekamtii hin barbaachifne argachuuf yookiin ammoo qaama biroof argamsiisuuf Caamsaa 17, 2012 Hoospitaala Xiqqur Ambassaa galuu himata isaan ibseera.

Yerichatti gara kutaa yaalii (laaboraatoorii) keemistii galuu erga yaalee booddee barattuu Haaymaanoot Badhaadhaa harka ishee irratti borsaa(korojoo) rarraafattee gara kutaa yaalii farmaasii si’a galtu waliin seenuun balbala itti cufuu himatichaan eerera.

Himataman kun erga seenee balbala cufee booddee bilbila sochootuu harkaa (moobayila) Aayfonii ishee akka itti laattuu fi iciitii bilbilichaa(paatern) akka bantu yoo gaafatu hin banu hin laadhu jechuu isheen walqabatee darbachuun lafatti erga ishee kuffisee, barattuun kun mataa ishee oolchuuf wayita shaakkaltu harka isheerraan miidhaa erga qaqqabsiisee booddee bifa garaa jabeenyaan guutameen morma isheerraan miidha erga qaqqabsiisee lubbuu ishee dabarsuu abbaan alanagaa himata isaan ibseera.

Wayita sanatti hojiin ragaa balleessuu akka hojjete ibsuun abbaan alangaa korojoo ishee keessa Birrii 400, cheekii Birrii kuma 5, laaptooppii fi bilbila sochootuu(moobayila) Aayfonnii ishee fudhachuun balbala cufee bahuu ibseera.

Himataman 2ffaa Mihratuu Miixxaa himatamaa 1ffaa waliin mana tokko keessa akka jiraatan abbaan langaa eereera.

Yerichatti himatamaa 1ffaan gara mana kanaa adeemuun himataa 2ffaaf nama hoospitaala Xiquur Ambassaa hidheen dhufe jechuun ibsuun bilbila sochootu, laaptooppii akkasumaas Birrii fudhatee himuun cheekkii Birrii kuma 5 Baankii Awaashitti hiikuun Birrtii kuma 2 himatamaa 2ffaaf kennuun bilbila sochootuu tokkoo bitee fayyadamuun yakka dhoksuun himatni dhiyaateera.

Manni murtichaa himatni himatamtoota akka qaqqabee fi gaaffii mirga wabii kufaa kan taasisee yoo ta’u, himaticha dubbisuuf Fulbaana 11, 2013 beellama kenneera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment