Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan kan shakkame Kabbadaa Gammachuu yeroo 4ffaaf mana murtiitti dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) –Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan kan shakkame Kabbadaa Gammachuu yeroo 4ffaaf mana murtiitti dhiyaate.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan kan shakkamee fi baqatee bakka ture naannoo Ada’aa Dirree jedhamee waamamutti Hagayya 03, 2012 too’anno jala kan oolfame Kabbadaa Gammachuu yeroo 4ffaaf mana murtiitti dhiyaateera.

Qorataan poolisii yeroo dabalataa kanaan dura laatamefi shakkamaa irratti hojiiwwan qorannoo hedduu raawwachuu dhaddachaaf ibseera.

Meeshaa elektirooniksii shakkamaa harkatti argame Eejansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaan qoratamuu himeera.

Firiin qorannoo tekniikaa dhufuun walqabatee ibsuuf yeroo bal’aan akka isa barbaachisu dhaddachaaf ibseera.

Shakkamaan Kabbadaa Gammachuu gama isaan shuguxiin Artiist Haacaaluu Hundeessa itti ajjeeffame kan kiyya miti jechuun mirgii wabii akka eegamuuf mana murtii gaafateera.

Qorataan poolisii shugguxiin kan shakkamaa kana ta’uu dhaddachaaf ibseera. Wayita ajjechaa bakkicha akka tures eereera.

Dhimmichaan walqabtee firii qorannoo ibsuuf yeroon dabalataa na barbaachisa yoo jedhu yeroon dabalaataa guyyaa 10 eyyameeraf.

Gama biraan Artiist Taarraqany Muluu daddabarsa namoota seeraa alaa kan himatame hiriyyoota isaarratti ragaa baatoonni maallaqaan jecha isaanii akka jijjiiran taasisuun yakkaan shakkamee mana murtiitti dhiyaateera jechuun Taarik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment