Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) –Ajejaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Somaaliyaa waliin mari’atan
Jeneraal Birhaanuu Juulaan, Ajejaa Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Somaaliyaa Jeneraal Adiiwaa Yuusuuf Raagee waliin Magaalaa Finfinneetti mari’ataniiru.
Somaaliyaan gama loltummaan of dandeesse akka dhaabbatuuf tattaaffii taasiifamaa jirurratti mari’ataniiru.
Garee Shororkeessaa Alshabaab hir’isuu keessatti loltoonni Ityoophiyaa Amisoom jala jiru qooda olaanaa taphachuu ibsaniiru.
Ajejaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa gama isaaniin, Somaaliyaan loltummaan hanga of daddeessutti Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa tumsa loltummaa fi miichummaan barbaachisu ni taasiisa jedhaniiru.
Jeneraal Birhaanuun nageenyi oollaa nageenya keenya, sodaan nageenya oollaas sodaa keenyaa ta’uun diina waloo keenyaa hanga dhumaatti barbaadeessuuf qophii jechuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.