Ajejaan kudhanii Masaafinti Xigaabuun adabbii cimaa umrii guutuun adabame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Ajejaa waliigalaa Raayyaa Ittisaa duraanii Jeneraal Sa’aare Makoonniin kan ajjeese ajejaan kudhanii Masaafinti Xigaabuun adabbii cimaa umrii guutuun adabamuu ibsameera.
Ajejaa waliigalaa Raayyaa Ittisaa duraanii Jeneraal Sa’aare Makkoonniin kan ajjeesse ajejaan kudhanii Masfin Xigaabuun hidhaa cimaa umrii guutuun akka adabamu itti murtaa’uu himameera.
Ajejaan kudhanii Masaafinti Xigaabuun du’aan akka dabamu Abbaan Alangaa gaaffii kan xiyyeesse ta’us, dhimmoota adabbii salphisan 4 dhiyeessuu isaan Manni Murtii adabbii cimaa Umrii guutuu itti murteesseera.
Manni Murtii olaanoo Federaalaa dhimmoota Heera Mootummaa f Shororkeessummaa dhaddacha har’a ooleen murtoo kana laachuu EBCn gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment