Ajandaa dhoksaa biyyoonni fi dhaabbileen idil addunyaa tokko tokko Ityoophiyaa bituuf qaban irratti qabsa’uu qabna-Aadde Adaanach

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Ajandaa dhoksaa biyyoonnii fi dhaabbileen idil adduunyaa tokko tokko Ityoophiyaa bituuf qaban irratti qabsa’uu qabna jedhan itti aantuun Kaantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.

Gareen shororkeessaa ABUT harka biyyoonnii fi dhaabbileen idil-addunyaa tokko tokko ittiin Ityoophiyaa harka micciiranidha kan jennu sababa waliinis jedhan.

Adde Adaanach Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, garichi tarkaanfii waraana dhaabuu akka mo’amutti wayita fudhatu, gootummaa Raayyaa Ittisa Ityoophiyaa fi ummatashee irratti wayita qoosu, oftuulummaan guutamee lammiilee nagaa irratti haleellaa hamaa raawwachuun himaniiru.

Naannolee ollaa Affaarri fi Amaaraatti babal’achuuf tarkaanfii haleellaa danuu wayita akeeku, daa’immanii fi dubartoota jumlaan wayita haleelu ‘gurrakoo haaduuchu’ jechuun biyyoonnii fi dhaabbileen idil-adunyaa callisuu filataniiru jedhan.

Yeroo kanatti kallattiiwwan garaagaraa irraa waamichi dhukaasa dhaabuu isaan dhageessisan lubbuu garee gantichaa dheeressuun karaa naannawaadhaan ajandaa dhokataan isaan Ityoophiyaa bituuf qaban ifatti baaseeras jedhan Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasasaanirratti.

Kan waan ta’eefis, Ityoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa hundi gochaa hammeenyummaa garee harma haadhaa ciniine kanaa saaxiluu fi biyyoonnii fi dhaabbileen idil addunyaa tokko tokko hubannoo dogoggoraa qabatan hatattamaan akka sirreeffatan gochuuf hanga ammaatti kan hojjannee ol cimnee qabsaa’uu qabnas jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment