Ajajoonni Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa fi Hidhattonni ABUT Naayiroobiitti wal argan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC) – Ajajoonni Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa fi Hidhattonni ABUT har’a Naayiroobiitti wal arganiiru.

Akkaataa waliigaltee nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifameen ajajoonni waraanaa guyyoota shan keessatti Keeniyaa Naayiroobiitti wal arguun akka mari’atan kallattii kaa’ameen har’a mariin eegalameera.

Hanga ammaatti waliigaltichi haala gaarirra jiraachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment