Ajajni Lixaa duula birmadummaa seera kabachiisuu hanga duula Tokkummaa Sabdaneessatti injifannoo olaanaa galmeesse – Jeneraal Ababaaw Taaddasaa

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Ajajni Lixaa duula birmadummaa seera kabachiisuu hanga duula Tokkummaa Sabdaneessatti injifannoo olaanaa galmeessuu Itti aanaan Itaamaajoor Shumii Humna Waraanaa Waliigalaa Jeneeraal Ababaaw Taaddasaan ibsaniiru.
Ajaja Lixaatti, hogganttoota raayyaaf leenjiin saayinsi looltummaa fi beekumsa hoggansaa irratti xiyyeeffate kennameera.
Hoggantoota leenjii kana fudhataniif waraqaan ragaa Ajajaa Olaanaa Ajaja Lixaa Leetnaal Jeneeraal Massalaa Masaratiin kennameera.
Miseensonnii fi hoggantoonni Raayyaa Ittisaa Ajaja Lixaa duula birmadummaa seera kabachiisuu hanga duula Tokkummaa Sabdaneessatti ergama itti laatame ga’umsaan xumuruu ibsaniiru.
Biyya diiggamurraa baraaruu danda’aniiru jedhan.
Kaayyoo biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT fashaleessuun kan danda’ame miira jaalala biyyaa fi murannoon hojjetamuu isaani jechuun ibsaniiru.
Raayyaan leenji’ee lolaaf qophii yoo ta’e, yeroo gabaabaa fi kisaaraa muraasan injifannoo waraanaa galmeessuun akka danda’amu kaasaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment