Ajajni Komandoo Fi Humna Qilleensaa humna addaa fi farra shororkessummaa eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Ajajni Komandoo fi Humna Qilleensaa, Humna Addaa fi Farra shororkessummaa leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna ebbichaarratti Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Manni Barumsaa Leenjii Humna Addaa fi Farra Shororjeessummaa ajajicha jalatti argamu moggaasa “Adamsitoota” jedhuun marsaa 12ffaaf humnoota kanneen leenjisaa turuun ibsameera.

Eebbifamtoonni raawwiin ergamaa fi naamusaa isaaniin kutaalee waraanaa garaagaraarraa kan filaman yoo ta’u leenjicha ga’umsaan xumuruun ibsameera.

Ergama biyya keessaa fi alaaitti kennamu dhuunfaanis ta’e gareen raawwachiisuuf leenjiin dandeessisu kennamuufii ibsamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Sirna eebbichaarratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee qondaaltoonni biroon biqiltuu dhaabaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment