Ajajni komaandoo fi Humna Qilleensaa ajaja seenaa barreeffamee hin dhumne qabaniidha- Jeneraal Ababaaw Taaddase

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Ajajni komaandoo, Humna Qilleensaa fi Humni Eegdoota Rippaablikaanii gatiin Ityoophiyaaf kaffalan seenaa barreeffamee hin dhumneedha jedhan Itti Aanaan Itaamaajoor Humna Waraanaa Jeneraal Ababaaw Taaddaseen.

Jeneraal Ababaaw raawwii hojii waggaa ilaalchisee hoggantoota ajaja lamaanii waliin mari’ataniiru.

Olaantummaa waraanaa goonfachuuf yeroo hunda qophii adda hin cinnee fi olaantummaa hamilee fi yaadaan saayinsii waraanaa cimaan Gurmaa’insa hunda qindeessuun injifannoof murteessaa fi barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Ajajoonni kunneen haaloota daraan rakkisaa ta’an jijjiiruun bu’aa daangaa hin qabne galmeessuu isaanii kaasaniiru.

Loltuun seenaa darberraa barata malee seenaa darbeen hin jiraatu jedhan.
Kanaaf seenaa darberraa barachuun kutaaleen lamaanuun injifannoo caalmaaf qophaa’uu akka qaban ibsaniiru.

Injifannoon kutaaleen lamaan galmeessan qindoomina cimaa hoggansaa fi miseensotaan injifannoo argame ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment