Ajajni Kaaba Lixaa ergama walxaxaaf kan hin jilbiiffanne ajaja cimaadha – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Ajajni Kaaba Lixaa dirqamaa fi ergama itti kenname gootummaan kan raawwaatu ajaja cimaa ta’uu Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Ajaja naannoo Amaaraa balaa diigamuuf saaxilamee ture baraare ajaja cimaa ta’uu kaasaniiru.

Humni Raayyaa Ittisaa Gaachana isa dhumaa Itiyoophiyaa ta’uuf kan dandeessisu xinsammuu Gootummaa, hoggansa cimaa akkasumas gurmaa’insaa fi ga’umsa olaanaarra gahuu himuu isaanii ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Raayyaa qormaata keessatti of ijaare raayyaa cimaa ta’uu dubbataniiru.

Bu’aan damee hundaan Ajajni Kaaba Lixaa galmeesse ergamaa yeroo itti aanuu caalmaatti ciminaan akka raawwatu isa taasiisa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment