Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) – Raayyaa Ittisa Biyyaatti ajajni Bahaa sirna badhaasa Madaaliyaa fi sadarkaa kennuu gaggeessaa jiraachuu ibsame
Saganticharratti Ittaamaajur Shuumii Waliigalaa Fiildmaarshaal Biraanuu Julaa dabalatee hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa argamuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Balaa diinonni Ityoophiyaa baandaawwan biyya keessaa waliin ta’uun biyya diiguuf aggaamanii turan qolachuu keessatti ajajni bahaa seenaa hojjechuu Fiildmaarshaal Biraanuun ibsaniiru.
Dirqamni kan hin xumuramne ta’uu fi ergama ittaanuuf badhaafamtoonnii fi ajajichi caalmaatti humna isaa gurmeessuu, leenjisuu fi qophaa’uu akka qabu eeraniiru.
Ajajicha waliin qindaa’uun gootummaa uummanni Afaarii fi qaamoleen nageenyaa naannichaa agarsiisaniif galateeffataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.