Ajajni Bahaa Dandeettii Humnoota Nageenyaa Naannoo Somaalee guddisuuf gumaacha olaanaa taasiisuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) – Ajajni Bahaa Dandeettii Humnoota Nageenyaa Naannoo Somaalee guddisuuf gumaacha olaanaa taasiisuu hoggantoonni Nageenyaa naannichaa ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa naannichatti nageenyi waaraa akka jiraatu wareegama olaanaa kaffaluu Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Somaalee Dayib Ahimad ibsaniiru.

Humnoonni nageenyaa naannichaa xinsammuu waraanaa, Qaamaa fi Namuusaa gahaa akka goonfatan taasiisuu qofa osoo hin taane nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuuf ga’umsa akka horatan Ajajni Bahaa gumaacha olaanaa taasiisuu eeraniiru.

Poolisiin naannichaa gootummaa Raayyaa Ittisaarraa dhaaluu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii naannichaa Abdii Aliin eeraniiru.

Ajajni Bahaa guyyaa hundaaffamasaa waggaa 47ffaa kabachuuf qophii xumuruu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment