Ajajichi humna raawwachiisummaa hoggantootaa cimsaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FBC)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajni Daalool dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa cimsaa jiraachuun ibsame.

Ajajichi loltoota leenji gahumsa raawwachisuummaa fudhatan eebbisiiseera.

Leenjichi gahumsa gaggeessummaa loltootaa cimsuun dabalaan nageenya mirkaneessuuf akka gargaaru Ajajaan Ajaja Daalool Leetanal Jenaraal Zawduu Balaay dubbataniiru.

Ajajichi tokkummaa loltoota cimsuu irrattis xiyyeeffatee hojjataa jiraachuus himaniiru.

Eebba leenjitoota ga’umsa olaanaa galmeessisaniif badhaasni kennameera.

Warqaaffarraa Yaalawutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment