Ajaji Dhihaa kallatti kamirraayyuu balaa aggaamamu dhaabuuf ga’umsa dandeessisu ijaareera-L/J Massalaa Masarat

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Ajaji Dhihaa kallatti kamirraayyuu balaa aggaamamu haala amansiisaan dhaabuu fi fashaleessuuf ga’umsa dandeessisu ijaaruu Ajajaa Olaanaa Ajajichaa Leetenaal Jeneraal Massalaa Masarat ibsan.

Leetenaal Jeneraal Masalaan qondaaltota qajeelchaa waliigalaa garaagaraa waliin raawwii dirqamaa ajajichaa fi qophii fuulduraarratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin ga’umsaa fi haamilee loltootaa yeroo gababaa keessatti ijaaruun, loltoota naamusaa fi loltummaan kutatoo, gootaa fi raayyaa injifataa ijaaruun akka danda’amee ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa olaantummaan siyaasaa fi waraanaa qabaachaa turan dhiibbaa ummataan erga aangooraa kaafamee booda, biyya diiguuf diinota biyyatti duraanii waliin tattafii taasisuu eeruun, qabsoo hanga wareegama kaffaluu gaafateen Ityoophiyaa baraaruun akka danda’ame dubbataniiru.

Ajajichi, qophaa’ummaan loltummaa akka mirkanaa’u taasisuu ibsuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Ajaajichis kallattii kamirraayyuu balaa aggaamamu haala amansiisan dhaabuuf ga’umsi dandeessisu ijaaramuu Leetenaal Jeneraal Massalaa Masarat ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment