Ajajaa olaanaan humna qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ramaddii qilleensaa lixaa daawwaatan

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Ajajaa olaanaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ramaddii Qilleensaa Lixaa daawwaataniiru.

 

Daawwannichaan raayyaa ramaddichaa shira garee gantuu fashaleessuuf seenaa hojjete galateeffataniiru.

 

Ramaddiin Qilleensaa Lixaa shira garee finxaaleyyii ABUT fashaleessuuf duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffame keessatti wareegama olaanaa kaffaluu mirkaneessuu isaanii ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni agarsiisa.

 

Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan hoggantoonnii fi miseensoonni ramaddichaa hamilee fi kaka’umsaan hojii ajaa’ibsiisaa hojjetanin raayyaa ummataa ta’uu isaanii qabatamaan agarsiisuu eeraniiru.

 

Yeroo itti aanu dandeettii teeknooloojii fi ga’umsa humna namaa giddisuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

 

Ijaarsi riifoormii caalmatti kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment