Ajaajni Kaabaa-Dhiha Raayyaa Ittisaa Biyyaa harka jira-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Ajaajni Kaabaa-Dhiha, Raayyaa Ittisaa Biyyaa haala siyaasaa rakkisaa keessatti jijjiiramaan dhalate harka jira jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Mariin xumuraa raawwii hojii waggaa ajajichaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti kan argaman Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Ajajni Kaabaa ergama itti kenname gootummaa olaanaan kan raawwatee fi gootota hedduu kan horate ajaja seenaa hojjete ta’uu dubbatan.

Ajajichi harka mirgaa Raayyaa Ittisa Biyyaa haala siyaasaa rakkisa keessatti jijjiiramaan dhalatee jiraachuu ibsuun, yeroo maraa ergama raawwatuun ajaja nama boonsuudha jedhan.

Ergamni ajajichaaf kenname Ityoophiyaa tursiisuu fi ceessisuu akka ta’e hubachiisanii, kanaafis raayyichi xiinsammuu fi saayinsii loltummaan ga’oomuu akka qabu akeekaniiru.

Ergama isaaniis walabummaan, naamusa kabajuu fi bu’a qabeessummaan raawwachuun amala Raayyaa Ittisaa ogummaa gonfate qabaachuu qabu jechuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Waltajjichaattis Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan qondaaltotaa ajajichaa waliin ta’uun mooraa Qajeelcha Waliigalaa ajajichaa keessa biqiltuu dhaabaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment