Agarsisini milkaa’ina dippiloomaasii Ityoophiyaarratti xiyyeeffate torbee dhufu eegala-MDhA

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)-Agarsiisni milkaa’ina dippiloomaasii Itiyoophiyaarratti xiyyeeffate torbe dhufu kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaaleef kennannin, torbeen dippiloomaasii Itiyoophiya Amajjii 2-24’tti 2016 kan gaggeeffamuu ta’uu ibsaniiru.

Torbeen dippiloomaasii kunis mata duree “Teessoo Afrikaa hanga Waltajjii Addunyaatti” jedhuun Godambaa Saayinsiitti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Waltajjichi seenaa dippiloomaasii Itiyoophiyaa waggoottan dheeraa lakkoofsise agarsiisuun Itiyoophiyaan, Afrikaatti, Gaanfa Afrikaa fi Waltajjii Idil Addunyaarraatti shoora damee dippiloomaasiin bahatte agarsisuuf kan kaayyeffate ta’uu Ambaasaaddar Mallas eeraniiru.

Agarsiisicharratti milkaa’inaa fi gufuulee sochii dippiloomaasii gamlamee fi damee hedduu dhiyeessuun, hawaasni deeggarsa akka taasisuuf akka ta’es himaniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa seenaa dippiloomaasii biyyattii beekuu fi hubachuun deeggarsa akka taasisuuf kaka’umsa kan uumuu akka ta’es dubbataniiru.

Agarsiisicharratti ministeerichi erga hundeeffamee kaasee hanga ammatti sochii dippiloomaasii gaggeessaa ture Kitaabni agarsiisu fi Baarruun dippiloomaasii qophaa’e ni ifoomas jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment