Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUT qaqqabsiise mul’isu agarsiisaaf baname

Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) – Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUTnaannoo Amaaraatti qaqqabsiise mul’isu magaalaa Baahirdaaritti agarsiisaaf baname

Gareen shororkeessaa ABUT naannichatti miidhaa  namoomaa fi qabeenyaa cimaa geessisuu Ittaanaan Preezdaantii naannichaa Dooktar Geetaachoo Jambar sirna agarsiisa suuraa kanarratti ibsaniiru.

Rakkooleen akka kanaa gara fuulduraatti akka hin mudanneef ajandaalee qoqqoodiinsaa dhiisuun tokkummaan cimanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Suuraawwan kanneen hawaasni qaamaan argamuun daawwachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Sirna baniinsa agarsiisaa kanarratti hoggantoonni olaanoo naannichaa fi miseensonni diyaaspooraa argamuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment