Agarsiisni oomisha qonnaa Itiyoophiyaa beeksisu Dohaatti baname

Finfinnee, Mudde 3, 2016 (FBC) – Agarsiisni oomisha qonnaa Itiyoophiyaa beeksisu Kuwaatar Dohaatti banameera.

Agarsiisa oomishaalee Muduraa fi Kuduraa idil addunyaa Kuwaatar Dohaatti gaggeeffamaa jirurratti Agarsiisni oomishaalee qonnaan Itiyoophiyaa Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ifatti bananiiru.

Ministir Deetaa Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa, Ministir Deetaa Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa naannawaa Obbo Kaasahuun Goofee dabalatee Dohaatti Miseensonni Diyaaspooraa Itiyoophiyaa saganticharratti argamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment