Agarsiisni kalaqa hojii fi saayinsii 7ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Agarsiisni kalaqa hojii fi saayinsii 7ffaan qopheessummaa Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinneen Paarkii Michummaatti gaggeeffamaa jira.

Agarsiisichi mata duree “ Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuun Imala Badhaadhinaa Keenya Saayinsii fi Kalaqaan ni dhugoomsina” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Agarsiisichi waxabajjii 9-11,2014tti kan gaggeeffamu ta’uu fi barattoota gidduutti waldorgommii fayyaalessa uumuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Agarsiisicharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi magaalichaa, barattoonni, barsiisonni, ogeeyyiin barnootaa fi hoggantoonni manneen barnootaa hirmaachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment