Agarsiisni Horsiisee bultootaa Afrikaa Bahaa Amajjii 17 eegalee Finfinneetti gaggeeffama

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Agarsiisii Horsiisee Bultootaa Afrikaa Bahaa Amajjii 17-23, 2016’tti Finfinneetti akka gaggeeffamu ibsame.

Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii wabii nyaataa mirkaneessuu fi qabeenya misoomaa naannawaa gammoojjii fayyadamuun jireenya horsiiee bultootaa fi gariin horsiisee bultootaa fooyyessuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Manni hojii ministeerichaa sadarkaa biyyaalessatti waggaa lama lamaan kan kabajamu guyyaa Horsiisee Bultootaa, barana haala walitti hidhamiinsaa biyyaalessaa cimsuun, Amajjii 17-23, 2016 Finfinneetti kan kabajamu ta’uu Ministirri Miniteerichaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.

Injiinar Ayishaan ibs isaaniin saganticharratti biyyoonni Miseensa Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) kan hirmaatan ta’u kaasaniiru.

Mariiwwan walitti hidhamiinsa naannawaa cimsan, jireenyaa horsiisee bultootaa fooyyessuurratti xiyyeeffatan, waljijjiirraa muuxannoo, egzibishiniiwwan aadaa fi qabeenyaa misoomaa horsisee bultootaa, kalaqoota teeknooloojiiwwaniii fi bizinasii akkasumaas kanneen biroon kan dhiyaatan ta’uu himaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment