Agarsiisni hojii giddugala Egzibiishiniifi Baazaarii Finfinneetti baname

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Hojjetaa fi Hojjechiisaa kan walquunnamsiisu agarsiisni hojii marsaa 2ffaan magaalaa Finfinnee Giddugala Egzibiishiniifi Baazaarii Finfinneetti banameera.

Agarsiisicha “Malaa Ivant” Biiroo Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii magaalaa Finfinneefi dhaabbilee deeggartootaa biroo waliin qopheessuu eerameera.

Lammiileen oomishtoota ta’uun abdii biyyaa akka ta’an taasisuuf ga’een agarsiisichaa olaanaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa obbo Nugusuu Xilaahuun ibsaniiru.

Rakkoo hojjii dhabdummaa biyyattii hiikuun mootummaa qofaan kan danda’amu akka hin taaneefi dhaabbileen dhuunfaa mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Agarsiisicharratti dhaabbilee faayinaansiifi ejensiiwwan beekamtii seeraa qaban 50 ol kan hirmaatan yoo ta’u,dubartootaa fi dargaggoota beekumsaafi ogummaa maayikiroofi xixiqqaa qaban fayyadamoo kan taasisudha jedhameera.

Kanaan dura agarsiisa marsaa jalqabaan dargaggoota kuma 1 oliif carraan hojii uumamuufi marsaa kanaan kan bara darbeerra dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuuf karoorfamuu ibsameera.

Agarsiisichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, hojii dhabdoonni kumni 15 ni daawwatu jedhameetu eegama.

Hayimaanot Iyyaasuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment