Agarsiisni, baazaarii fi siimppooziyeemiin waldaalee hojii gamtaa biyyaaleessaa 7ffaan

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Agarsiifni, Baazaarii fi Siimpooziiyeemiin Waldaalee Hojii Gamtaa Biyyaaleessaa 7ffaan giddugala agarsiisa Finfinneetti eegalameera.

‘Waldaalee hojii gamtaa ijaarsa nageenyaaf’ mata duree jedhuun gaggeeffamuu eegalee jira.

Eejansiileen hojii gamtaa biyyatiitti qaala’iinsa jireenyaa magaaloota keessatti uummamu tasgabbeessuuf shoora olaanaa qabaachuu itti aanaan daayreektara olaanaa Eejansii Waldaalee Hojii Gamtaa Federaalaa obbo Abdii Mummad ibsaniiru.

Sababa kanaan waldaalee hojii gamtaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetamaa jira jedhan.

Agarsiisa kanarratti muuxxaannoo gaggaariin biyya keessaa 6 fi biyya alaa 2 ni dhiyaatu jedhameera.

Muuxxannoo gaggaarii dhiyaatu kanarratti yaadni dhiyaachuun mariin kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

 

Comments (0)
Add Comment