Finfinnee, Sadaasa 20, 2017 (FBC)-Siimpooziyeemii fi Agarsiisni “Ethio-Green Mobility” akkasumas torbeen Sagantaa Bu’uuraalee Misoomaa Afrikaa dandeettii dippiloomaasii Itiyoophiyaa kan calaqqisiisan ta’uu Ministirri Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.
Dooktar Alamuu Simeen, Agarsiisnii fi Siimpooziyemiin “Ethio-Green Mobility” akkasumas torbeen Sagantaa Bu’uuraalee Misoomaa Afrikaa, milkaa’inaan xumuramuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsnaiiru.
Sagantaaleen akkanaa, dandeettii dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi kutannoo misooma magariisaa qabatamaan kan calaqqisiisaniidha jedhan.
Dabalataan, guddina bu’uuraalee misoomaa hunda galeessaa, anniisaa haareffamaa fi walitti hidhamiinsa irratti gahee Itiyoophiyaan qabdu sagantaalee kanneeniin calaqqisiisuun akka danda’ame himaniiru.
#Oromia #Ethiopia