Agarsiisi Suuraa hojiilee Faawundeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa baname

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Agarsiisi suuraa bu’aalee hojiilee qonnaa, uffannaa loltummaa, omisha asxaawwan gulantaa fi kanneen biroo Faawundeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa banameera.

Agarsiisichaa, Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faawundeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Darajjee Magarsaan bananiiru.

Agarsiisichi, misooma qonnaa qindaa’aa, oomisha meedaaliyaa, asxaa, uffannaalee loltummaa akkasumas meeshaalee faawundeeshinichaan oomishamanii agarsiisaaf dhiyaataniiru.

Raayyaa ittisaa hidhannoo fi teeknooloojiin gurmeessuurraa darbee fedhii nyaataan akka of danda’uuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Abrahaam dubbataniiru.

Haaluma kanaan hojiilee misooma qonnaa garaagaraarratti xiyyeeffannaan hojjetmaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment