Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Agarsiisa kitaabaa mana kitaabaa Abrihootiin qophaa’erratti kitaabilee ida’amuu irratti xiinxalli gaggeeffamuu ibsame.
Agarsiisni klitaabaa mata duree “ Jecha, Gochaafi Dhaloota” jedhuun gaggeeffamaa jiru kun guyyaa har’aa kitaabilee Ida’amuurratti xiyyeeffachuu Waajjirri Muummee Ministiraa ibseera.
Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Ogeessa Seeraa kan ta’an Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam Kitaabilee Ida’amuu, Daandii Ida’amuufi Dhaloota Ida’amuurratti xiinxala isaanii dhiyeessuu eeramera.
Ida’amuun rakkoo Ityoophiyaaf furmaanni beekumsa, amantaa, seenaafi qabeenya uumamaa keessa jiraachuu kan ibsuufi hojiitti kan hiiku ta’uu kaasaniiru.
Ida’amuun humnoota bittinaa’an gara humna cimaatti kan jijjiirufi mariin jijjiiramni akka dhufu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.