Agarsiini suuraa fi mariin paanaalii “Waa’ee Ityoophiyaa” Hawaasaatti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Qopheessummaa Dhaabbata Pireesii Ityoophiyaatiin marsaa 4ffaaf agarsiisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa “ jedhu Magaalaa Hawaasaatti banameera.

Argisiisaa fi marii paanaalii kana Ministira Ministeeraa Tuuriizimii Ambaasaaddar Naannisee Caalii, Preezdaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leddaamoo fi Hoji Gaggeessaa Olaanaa Dhaabbata Pireesii Ityoophiyaa Obbo Geetinnat Taaddasaa eegalchiisaniiru.

Argisiisa suuraa kanaan bara 1950’ootaa fi 1960’ootaa kaasee, taateewwan siyaasaa Ityoophiyaa, gaaffilee ummataa kaa’an, wareegama birnadummaa biyyaaf kaffalamee fi qabeenya tuuriizimii Ityoophiyaan walqabatee taateewwan biyyaalessaa ijoon dhiyataniiru.

Argisiisni suuraa kan daawwatamee yoo ta’u, sagantaan marii paanaaliis kan itti fufu ta’uu ragaan Waajjira Preezdaantii Naannoo Sidaamaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment