Agarsiifni suuraa ‘waa’ee Ityoophiyaa’ jedhu daawwattootaaf banaa ta’e

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Agarsiifni suuraa ‘waa’ee Ityoophiyaa’ jedhu Dhaabbata Preesii Ityoophiyaan qophaa’ee daawwattootaaf banaa ta’eera.
Agarsiisichi har’a bakka hoggantoonni mootummaa federaalaa argamanitti daawwattootaf banaa ta’eera.
Sagantaa baniisa agarsiisa suurichaarratti Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu, Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahaammad Idiriis, Seekreetariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraatti itti gaafatamtuun Afaanoota alaa fi Miidiyaa Diijitaalaa Billanee Siyyuum dabalatee keessummoonni waamichi taasiifameef biroo argamaniiru.
Agarsiisichaan suuraan wareegama Ityoophiyaa fi Ummata ishee baraaruuf taasiifame muul’isu ni dhiyaata jedhame.
Agarsiifni suuraa Dhaabbata Preesii Ityoophiyaan qophaa’ee kun har’aa eegalee hanga Amajjii 12, 2014tti kan turu ta’uu ibsameera.
Suuraawwan kunneen Ityoophiyaanoota, Hawaasa Diyaaspooraa, lammiilee alaa, Dippiloomaatootaa fi kutaalee hawaasaan ni daawwatamaan eegama.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment