Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC) – Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa idil addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinaatti Agarsiifni fakkii banameera.
Yaa’iin dhaabbilee Amantaalee biyyaalessaa Qindeessummaa Ministeera Nageenyaa fi Emireetoota Araba Gamtoomanitti kan argamu Yuunivarsiiti Mahammad Biin Zaayiid ‘For Humanity’n qophaa’e magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan biyya amantaaleen hedduun waldanda’uu fi tokkummaan keessa jiraatan ta’uu suuraaleen mul’isan agarsiisichaaf dhiyaachuu ibsameera.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalf Andu’aalem, akkasumas abbootiin amantaalee agarsiisicha banuu ragaaan Ministeera Nageenyarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia