Finfinnee, Eebla 12, 2013 (FBC)- Agarsiifni dorgommii qorannoo fi qo’annoo gochaa, kalaqaa fi teeknooloojii biyyaalessaa 2ffaan eegaleera.
Wayita ammaa Ityoophiyaatti dhaabbileen oogummaa fi teekniikaa mootumaa fi dhuunfaa kuma 1 fi 600 ol kan argaman yoo tahu, dorgommichi leenjisaa fi leenji’aa dhaabbilee kanneen keessa bahan akkasumas guutummaa Itiyoophiyaarra walitti kan baba’an IMX kan sochoosaan sadarkaa naannootti kan injifatan kan dorgomanidha.
Kanaanis lammiileen kalaqan qaban dandeettii isaanii hawaasaaf kan agarsiisanii fi muuxannoo kan wal jijjiiran taha.
Dorgommii kanarratti leenji’aa 391, leenjisaa fi IMX kan sochoosaan ni hirmaatu jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.