Agarsiifni Dippiloomaasii gaggeeffamaa jiru yeroo hin murtoofnee dheerate – MDhA

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Agarsiifni Dippiloomaasii Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jiru yeroo hin murtoofnee dheerachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Torbeen agarsiisa Dippiloomaasii Itiyoophiyaa torbeewwan lamaan darbaniif gaggeeffamaa jiru Itiyoophiyaan seenaa Dippiloomaasii jabaa qabaachuu lammiilee fi hawaasa dippiloomaasii hubachiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.

Agarsiifni Dippiloomaasii Itiyoophiyaa Amajjii 2, 2016 eegalee gaggeeffamaa jiru kun hanga Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaatti akka turu murtaa’uu eeraniiru.

Agarsiisa Dippiloomaasii kana hawaasni Dippiloomaasii teessoo isaanii Finfinnee taasiifatan yeroo gahaa argachuun akka daawwataniif guyyaan kun dheerachuu Ambaasaaddar Mallas eeraniiru.

Yeroon agarsiisicha dheerachuun hirmaattoonni Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaatan agarsiisa kana akka daawwataniif carraa kan uumu ta’uu himaniiru.

Murtoon kunis Finfinneen Teessoo Dippiloomaasii Afrikaa ta’uu ishee Itichuuf hojiilee hojjetaman keessaa qaama tokko ta’uu dubbataniiru.

Torbee fi agarsiifni Dippiloomaasii kun Itiyoophiyaan warraaksa Paan Afrikaanizimii keessatti Utubaa ta’uu ishee jechaan qofa osoo hin taane gochaan muul’isuuf carraa gaarii ta’uu kaasaniiru.

Yeroo itti aanu tokkoon tokkoon lammiileen biyyattii Dippiloomaatii biyyaati yaada jedhu hojiirra oolchuuf agarsiifni kun carraa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Walga’ii idileen Hojii Raawwachiiftoota biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa 44ffaan Guraandhal 6 -7, 2016 fi Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan ammoo Guraandhala 9 -10, 2016 Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Dooktar Ambaasaaddar Mallas Alam eeraniiru.

Itiyoophiyaan yaa’icha keessummeessuuf qofa ooo hin taane faayidaa biyyaalessaaf oolchuuf qophaa’uu himaniiru.
Fireehiyiwat Saffiiwutu gaabse.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment