Agarsiifni daldalaa Chaayinaa 4ffaan gabaa Bunaa Ityoophiyaaf carraa gaarii qabatee dhufuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC)- Agarsiifni daldalaa Chaayinaa 4ffaan gabaa Bunaa Ityoophiyaaf carraa gaarii qabatee dhufuu ibsameera.

Agarsiifni kun dhama addaa  fi qulqullina Buna Ityoophiyaa beeksiisuuf kan gargaaru ta’uu Hojii gaggeessaan Oomishtoota Bunaa fi Damee Ergitoota Bunaa Ityoophiyaa obbo Isiraa’eel Dagafaan ibsaniiru.

Agarsiifni daldaala Alaa Chaayinaa Shaangiyyitti gaggeeffamu hariiroo gabaa Bunaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa guddachaa dhufe caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Agarsiisichi abbootii qabeenyaa gurguddoo biyyattii waliin wal arguun Buna Ityoophiyaa beeksiisuuf qooda olaanaa qaba jedhan.

Biyyoota sadarkaa olaanaan Buna Ityoophiyaa bitan 10 keessaa Chaayinaan ishee tokko ta’uu ragaan ni muul’isa.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment