Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Agarsiifni hojiilee barreeffamoota Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad har’a irraa egalee mana kitaabaa Abrihootitti kan bananamuu ta’uu Waajjiiri Muummee Ministiraa beeksise.
Agarsiifni kun maxxansaalee Waajjira Muummee Ministiraa fi Muummee Minsitiraa Abiy Ahimadiin maxxanfaman irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u Eebla 24-29, 2015 irraa eegalee torban tokkoof kan turuu ta’uun ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.
Laammiileen hundi agarsiisicha akka daawwataniif waajjirichi waamicha dhiyeeseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.