Afyaa’iin Caffee Oromiyaa ergaa baga ittin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC)- Ummanni Oromoofi Itiyoophiyaa hundi bara haara 2016 baga nagaan geessan jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan.

Adde Sa’aadaan ergaa isaaniin, Seera uumaafi uumamaan dirqamanii, baatiiwwan dabareen waljijjiiraa cehuumsa Birraa dhugoomsu jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Ganni waktiin roobaa wayita bahuuf jedhutti, dacheen magariisaan badhaatee birraa simachuuf yeroo itti qophooftu, Qaammeen baatii addaa, riqicha jijjiiramaa ta’uun, gannaafi faaya barii birraa gidduun mul’attee as baati.

Guyyoonni Qaammee, taateewwan gurguddoo bara keessa ceene kan nu yaadachiisan; mul’ata, hawwiifi abdii bara itti aanuuf qabnu qabannee, waktii haaraa mallattoo quufaafi ce’uumsaan beekamu birraa akka bakkalcha barii goobanee as bahu simanna.

Bacaqiin gannaas qooree, roobnis qaqal’atee, uumamni booqaa birraa arguuf, ililiin birraas daraaree asheetuun dachee faaya addaan badhaasa.

Carraaqqata jiruufi jireenyaati; dukkanni ifaan, doofummaan barnootaan, jibbi jaalalaan, garaagarummaan waloomaan, hammeenyummaan dhiifamaafi gaarummaa dalaguun bakka wal buusee bara haaraa simachuuf qophii irratti argama.

Ummata keenyaa waliin, gurmuu tokkummaa tokko jalatti hiriiruun, waan karoorsine waliin raawwannee, imala badhaadhina Oromiyaafi biyyaa mirkaneessuuf hojii qabatamaa keessa jirra.

Galmoota cehuumsa naannoofi biyyaa dhugoomsan qabannee, hojii bara darbe hojjechaa turreen, gaaffiiwwan misoomaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun, hojiiwwan nageenyaafi ijaarsa sirnaa, cehuumsa diinagdeefi hariiroo diiplomaasii keenya cimsuuf hojjetamaa turan, utubaalee gurguddoo mul’ata biyyaafi naannoo keenyaa dhugoomsan ta’anii argamu.

Keessaahuu, ijaarsa sirna dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuun, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamannee misooma ariifataafi walitti fufiinsa qabu galmeessuuf inisheetiivota addaa addaa jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu danda’an bocuun hojiin bara darbe itti milkoofne, bara kanaaf ammoo, muuxannoo ta’ee bu’aa caalmaaf kan nu onnachiisuufi qormaatilee imala keenya keessatti nu qunnamaniif dawaa ta’ee tajaajila.

Dantaa dhuunfaafi garee muraasaa kan sabaa fakkeessuun, dheebuu aangoof qaban qaxxaamuraan milkeessuuf, abjuu maseene qabatanii gamaa gamanaa sabaafi amantaa dahoo godhachuun kan socho’an gareewwan finxaaleyyii, dhugaa waloo waliin qabnu cinaatti dhiisanii, hawaasa nagaafi tasgabbii dhorkuun daandii furmaataa kan isaanitti fakkaatee, ergama diigumsa biyyaa qabatanii sochii taasisaa jiran qolannee, obbolummaa dagaagsinee, walqixxummaafi tokkummaan biyya waloo ijaaraa jirra.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, karoora addaa dameewwan misoomaa hunda irratti qabatee jiru dhugoomsuuf xiiqiin hojjechuu irratti argama.

Safartuun milkaa’ina hojii keenyaas, saffisa ittiin hojjennu dabaluun, kalaqaafi tekinoloojii fayyadamnee, baay’inaafi qulqullinaan oomishuun jiruufi jireenya ummata keenyaa boqonnaa itti haaraatti ceessisuuf, bara haaraa kanatti humnaafi tooftaa haaraan karaa qindoomina qabuun hojjennee warra waan karoorse waliin raawwatee, injifannoos waliin dhandhamatu ta’uuf bakka jirrutti qooda keenya gumaachuutu nurraa eegama.

Caffeen Oromiyaas, galmoonni misoomaa roga maraan qabaman akka milkaa’aniif, bara darbe hordoffiifi to’annoo hirmaannaa hawaasaan deeggaramuun taasisaa tureen bu’aan argame olaanaadha.

Itti gaafatamummaa Heeraafi ummataan kennameef giddu gala godhachuun jijjiiramni bu’uuraa gama diinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan, akkasumas, misoomni haqa qabeessaafi ariifataan naannicha keessatti akka dhugoomuuf fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuun waadaa ummata isaaf gale bahachuu irratti argama.

Ummanni keenyas, akkuma kaleessaa hirmaannaa isaa daangaa hin qabneen mootummaa isaa cinaa dhaabbatee utubuu akka qabu carraa kanaan ibsa.

Dhumarrattis, har’a jala bultii bara haaraa guyyaa ‘Waloomaa’ irratti argamna.

Tokkummaan keenya, faajjii injifannoofi birmadummaa keenyaa waan ta’eef, waliin taanee waan karoorsine hunda raawwachuun warra baranaa, bara dhuftu injifannoon warra deebi’ee wal argu akka taanu ibsaa, carraa kanaan, ummata naannoofi biyya keenyaan baga bara haaraa 2016n nagaan waliin nu gahe jechaa barri haaraa dhufu kan nagaa, gammachuu, injifannoofi badhaadhinaa akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment