Afrikaatti namoota vaayrasii koroonaan qabaman 769 keessaa namoonni 19 du’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Afrikaatti namoota vaayrasii koroonaan qabaman 769 keessaa namoonni 19 du’aniiru.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseetti Afrikaatti namoota vaayrsaii koroonaan qabaman 769 keessa namoonni 19 yoo du’an namoonni 69 ammoo guutummaatti fayyaniiru.

Gibtsitti namoonni 210, Afrikaa Kibbaatti namoonni 202, Aljeeriyaatti namoonni 82 , Moorookootti ammoo namoonni 61 qabamaniiru.

Afrikaa Kibbaatti walakkaa guyyaa keessatti namoonni 52 vaayrasii kanaan qabamaniiru.

Ardichaatti biyyoota 36 keessatti dhibeen kun muul’ateera.

Sadarkaa addunyaatti namoota kuma dhibba 2 fi kuma 55 fi 143 qabaman keessaa hanga guyyaa har’aatti namoonni kumni 10 fi 448 yoo du’an, namoonni kumni 89 fi kumni 9 fi 15 dhibicharraa fayyaniiru jedhame.

Ameerikaa magaalaa Niiw Yoorkitti guyyaa tokko keessatti namoonni kumni 1 fi 664 vaayrasichaan qabamaniiru.

Comments (0)
Add Comment