Afrikaatti namoota Covid – 19 qabaman keessaa % 62 dhiiroota yoo ta’an % 38 dubartoota ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) – Afrikaatti namoota Covid – 19 qabaman keessaa % 62.11 dhiiroota yoo ta’an % 37.89 dubartoota ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaatti dameen naannawaa Afrikaa beeksiseera.

Erga weerarichi muul’atee hanga ammaatti Ardii Afrikaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi 943 lubbuu dhabuu dhaabbatichi ibseera.

Waliigala namoonni miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 8 ol vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni miiliyoonni 3.3 ammoo dhibichaarraa dandamataniiru.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ifoomseetti Afrikaa Kibbaatti qofa namoonni miiliyoonni 1.5 vaayrasichaan qabamaniiru.

Ardichaatti namoota vaayrasichaan qabaman keessaa harki caaluu namoota umriin isaanii waggaa 30 hanga 39 gidduutti argaman ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment