Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma 25 caale

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma 25 fi 940 ga’uu isaa himame.

Akka ragaan Yuunvarsiitii Joon Hoopkiins muul’isutti addunyaarratti namoonni miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 30 vaayrasii koroonaan qabamaniiru.

Namoota qabaman kana keessaa namoonni kumni 25 fi 940 lammiilee Afrikaati jedhame.

Waliigala namoonni dhibichaan lubbuu isaanii dhaban namoota kuma dhibba 1 fi kuma 83 ol yoota’u, kanneen keessaa namoonni kumni 1 fi 200 lammiilee Afrikaa ta’uu isaanii himameera.

Afrikaatti namoonni kumni 6 fi 900 dhibichaarra yoo dandamatan, waliigala namoonni kumni dhibbi 7 fi kumni 14 dhibicharraa fayyaniiru.

Afrikaa Kibbaatti namoota kuma 3 fi 635 vaayrasichaan qabaman keessaa namoota 65tu lubbuun darbe.

Akka ragaaleen agarsiisanitti Gibtsitti namoota kuma 3 fi 659 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 276 du’aniiru.

Aljeeriyaatti ammoo namoota kuma 2 fi 910 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 402 darbeera jedhame.

Biyyoota Baha Afrikaa keessaa Keeniyaatti namoota 303 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 14 du’uu isaaniitu ibsame.

Jiibuutiitti namoonni 974, Eeritriyaatti namoonni 39, Soomaaliyaatti namoonni 286, Sudaanitti namoonni 162 fi Sudaan Kibbaatti namoonni 4 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii ragaaleen ni agarsiisu.

Ityoophiyaatti hanga guyyaa kaleessatti namoota 116 dhibichaan qabaman keessa 3 yoo du’an, 21 ammoo fayyaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment